Waamichichi qalbiin Diyaaspooraa akka caalaatti Itoophiyaa bira ta'uu kan taasise taatee seena qabeessadha.

101

Mudde, 20/2014(TOI) - Waamichi Ministirri Muummee gara biyyaa akka dhufan diyaaspooraaf taasise qalbiin Diyaaspooraa akka caalaatti Itoophiyaa bira ta'uu kan taasise taatee seena qabeessadha jedhan Ejensii diyaaspooraa Itoophiyaatti daarektarri itti aanaa doktar Mahaammad IdirisWaamicha diyaaspooraa miiliyoona tokko akka gara biyyaa dhufaniif dhihaate fudhachuun kanneen gara biyyaa dhufaniif sirinni simannaa paarkii michummaatti taasifameera.

Sirna simannaa kanarratti Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministira Dhimma alaa Obbo Dammaqaa Makonnin, kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa akkasuma keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Itti aanaan daarektara Ejensii diyaaspooraa Itoophiyaa Mahaammad Idiris akka jedhanitti, waamichi kun hawaasa diyaaspooraa cimaa Itoophiyaaf deeggarsa walitti fufinsa qabu taasisuu danda'u ijaaruuf hojii jalqabame cimsuf gargaaruf carraa guddaa kan uumedha.

Hojiin diyaaspooraan yeroo Itoophiyaan rakkoo keessa jirtutti biyyaa isaaf abukaattoo ta'uun hojjete kan baay'ee isa galateeffachiisudhas jedhaniiru.

Waamicha taasifameen miseensoonni diyaaspooraa hedduun gara biyyaatti dhufun oduu soba Itoophiyaa ilaalichisee tamsaafamaa jiru qabatamaan maseensuu danda'aniiru jedhaniiru.

Sagantaan diyaaspoorawwaan miiliyoona tokko gara biyyaatti jedhu har'a irraa jalqabee hanga Amajji 15/2014 tti sirnoonni adda addaa ni geggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015