Manni marichaa wixinee labsii komishiinii waliigaltee marii biyyaaleessaa hundeessuuf ba’e raggaasiise

136

Finfinnee, Muddee 20/2014 (TOI) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii komishiinii Waliigaltee Marii Biyyaaleessaa hundeessuuf ba’e sagalee caalmaan raggaasiise.

Wixineen Labsichaa sagalee mormii 13,kan sagalee hin laannee 1 fi sagalee caalmaan labsii lakkoofsa 1265/2014 ta’uun ragga’eera.