Gareen shororkeessaa ABUTfi Shanee godina shawaa Kaabaatti namoota 67 ajjeesuun dubartootaa 12 immoo gudeedun himame.

53

Mudde 19/2014-Gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee yeroo Naannoo Amahaaraa godina shawaa Kaabaa weeraranii turanitti namoota 67 ajjeesuun dubartootaa 12 immoo gudeedun himame.

Bulchaan godina shawaa kaabaa obbo Taaddasaa Gabratsaadiq akka miidiyaaleetti himanitti gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee wal ta'uun godinichatti aanaalee 5 weeraruun lammilee nagaa irraatti yakka ajjeecha raawwataniiru.

Garichi bu'uraalee misoomaa hedduus mancaasuu himaniiru.

Garichi godinicha yeroo weerareetti Hospitaalota 6 fi manneen barnootaa 180 ol mancaaseera.

Uummanni godinichaafi Itoophiyaa wal ta'uun erga garicha godinichaa baasanii as kanneen sababaa waraanichaan qe'ee fi qabeenya isaanirraa buqqa'an deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Lammilee buqqa'aniifi miidhaman deebisanii dhaabuu keessatti Itoophiyaanoonni, dhalatoonni Itoophiyaa fi michuuwwan Itoophiyaa gahee isaanii akka bahan waamicha taasisaniiru.

Itoophiyaa haa misoomsinu, haa ijaarru‼

Biyya itti fufinsaan haa ijaarru‼

Kan diigame kan duraa caalchifnee deebsinee haa ijaarru‼

Qormaata kamiifiyyuu haa qophoofnu‼

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015