Turkitti waldaan tokkummaa fi walgargaarsaa Itoophiyanootaa lammilee qe'ee isaanirra buqqa'aniif deeggarsa doolara kuma 28 taasisan

82

Mudde, 19/2014(TOI) - Turkitti waldaan tokkummaa fi walgargaarsaa Itoophiyanootaa lammilee sababaa waraanaan qe'ee isaanirra buqqa'aniifi dhaabbilee miidhaan irra gahe diibisanii ijaaruuf kan oolu deeggarsa doolara kuma 28 walitti qaban.

Miseensoonni waldichaa akka Turkittii Ambaasaaddara Itoophiyaa Adam Mohaammad waliin mari'atanitti deeggarsa walitti qaban kana waamicha gara biyyaa akka galan taasifameef hordoofuun yeroo gara biyyaa galan qaaman kanneen dhimmi ilaallatu biraan akka gahan himaniiru.

Waldichi haala gara fuula duraattis deeggarsa taasisu kana cimsee itti fufuu fi misooma biyyaa keessatti si'aa'inaan hirmaachuu danda'u irrattis ambaasaaddaricha waliin mari'ateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015