''Magaalaan Qobboo sochii idileesheetti deebi’aa jirti''

61

Muddee 19/2014 (TOI)- Dhiheenyaa Weerara garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa kan baatee magaalaan Qobboo sochii idileesheetti deebi’aa jiraachuu jiraattonni ibsan.

Garichi bakkeewwan naannolee Amaaraa fi Afaar weeraraan qabatee turetti miidhaa namoomaa, hawaasummaa fi xiinsammuu qaqqabsiiseera.

Magaalaan Qobboos magaalota badiin shororkeessaa ABUT irratti raawwatame keessaa ishee tokko.

Gareen kun wayita weeraraan magaalittii qabatee turetti miidhaa garaagaraa hawaasa magaalichaarraan ga’uu jiraattonni ibsaniiru.

Abbootii amantaa dirqamsiisuun fudhatamummaa uummata biratti qabdan fayyadamaatii gaarummaa keenya odeessaa jechuun dhiibbaa geessisaa turuu jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.

Gareen kun meeshaalee dhaabbilee amantaa manneen amantaa keessaa gadi baasuun manneen amantaa dawoo waraanaa taasisuu addeessaniiru.

Qabsoo qaamoleen nageenyaan magaalittiin erga bilisa baatee as gara sochii idileeshee duraaniitti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Qote bulaan gara hojii qonnaasaatti daldalaanis gara hojii isaatti deebi’uu himaniiru.

Tajaajila geejjibaa dabalatee dhaabbileen tajaajilaa biroon gara hojiitti deebi’uu jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015