Mootummaan Siwiidiin Adeemsa jijjiiramaa Itiyoophiyaan Itti Jirtu Cimsuuf Doolaara Miiliyoona 20 Deeggaruufi

64

Finfinnee Bitootessa 26/2011 Mootummaan Siwiidin haala jijjiirama Itiyoophiyaa cimsuuf akka danda’amu deeggarsa doolaara miiliyoona 20 akka taasisu ibse.

Kun kan ibsame Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siwiidiin Torbiijoorni Piiterson da’eettaa ministiraa maallaqaa obbo Admaasuu Nabbabee waliin Bitootessa 26/2011 wayita ma’I’atanitti ture.

Deeggarsi maallaqaa waggoota lamaan dhufan hojiirra oolu adeemsa jijjiiramaa biyyittiin itti jirtu deeggaruurra darbee wal ta’iinsa misoomaa guddisuu fi cimsuuf kan dandeessisu ta’uu da’eettaan ministiraa wayia kana beeksisaniiru.

Keessumaa dhaabbilee mootummaa cimsuuf, demokiraasii fi mirga namoomaa irratti kan hojjetaman human waldaalee siviikii gabbisuuf deeggarsi maallaqaa kun g’ee guddaa qaba jedhaniiru.

Biyyattiin filannoo fuulduraaf adeemsiftuuf, qaamolee haqaa dabalatee hojiiwwan gabbisa dandeettii akkasumas dhaabbilee mirga namoomaaf  falmatan deeggaruufis akka gargaaru dabalanii ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Siwiidiin Torbiijoorni Piiterson gamasaaniitiin,  adeemsa jijjiiramaa Itiyoophiyaan wayita ammaa adeemsisaa jirtu cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mootummaan Siwiidin deeggarsa jalqabe itti fufa.

Keessumaa dhimmoota demokiraasii, olaantummaa seeraa, mirga namoomaa irratti haala jijjiiramichi cimee deemurratti mootummaa fi waldaalee siviikii waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan fuulduraafis hariiroo gaarii qaban cimsuudhaan dameewwan wal ta’iinsa misoomaa xiyyeeffannoo barbaadan irratti waliin akka hojjetan himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015