Hawaasni hojii daldalaa irratti bobba'ee jiru diyaaspooraa gara biyyaa dhufaa jiraachuu ilaalicha keessa galchuun daballi gatii taasisuu irraa akka of qusaachuu qaba.

79

Finfinnee, Muddee 15/2014 (TOI)- Hawaasni hojii daldalaa irratti bobba'ee jiru diyaaspooraan gara biyyaa dhufaa jiraachuu ilaalicha keessa galchuun daballi gatii taasisuu irraa akka of qusaachuu akka qabu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa magaalaa Finfinnee dhimmoota nageenyaa irratti hoggantoota kutaalee magaalichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.

Waamicha Ministira muummee doktar Abiy Ahimad hordofee Itoophiyannoonii, dhalatoonnii Itoophiyaafi michoonnii Itoophiyaa gara biyyaa isaan waliin dhufan yaaddoo nageenyaa tokko malee akka keessummeeffamaniif hojiin nageenyaa magaalichaa hojii dursi kennamuuf ta’uu ibsameera.

Uummanni qaamolee nageenyaa waliin qindaa’ee akka hojjetuuf barbaachisaa kan taasifamu ta’uu eerameera.

Kenniinsa waraqaa eenyummaan walqabatee hojimaatni qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa hin kabajne muul’achuu eerameera.

Ijaarsa seeraan alaa hordofuun diiguurratti hojii quubsaan hojjetamuu fi dursanii ittisuurratti hojii manee hedduun kan hafan ta’uu ibsameera.

Hawaasni daldalaa gara biyyaa dhufuu Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa hordofee dabaliinsa gatii taasisuurraa of qusachuu akka qabu ibsamuu ragaan Waajjira Seekretariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul'isa.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015