Walitti dhufeenya alaaf nageenyi keessoo murteessaa waan ta'eef nageenya keessoo biyyaa eegisisuun xiyyeeffaanno irratti hojjetama.

57

Finfinnee, Mudde, 14/2014(TOI) - Walitti dhufeenya alaaf nageenyi keessoo murteessaa waan ta'eef nageenya keessoo biyyaa eegisisuun xiyyeeffaanno irratti hojjetama jira jedhan Ambaasaaddar Rediwaan Huseen.

Mariin Addis wag kan waajjira Ministiri Muummeen qopha'u har'a mata duree Birmadummaa eeguu, guddinaan fulla'uu jedhuun geggeeffameera.

Marii kanarratti kan argaman deetan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Rediwaan Huseen sababaa waraana gareen shororkeessaa ABUT Itoophiyaa irratti baneen hojiin dippilomaasii haalaa walxaxaa ta'e keessa darbaa jira jedhaniiru.

Miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko ajandaa isaanii qabatanii gabaasaawwan sobaa Itoophiyaa ilaalichisuun tamsaasaa jiru.

Yeroo ammaa kana Itoophiyaanonni tokko ta'uun dhiibbaa keessaa fi alaa damdamachuu akka danda'anis himaniiru.

Dhiibbaan Itoophiyaarratti taasifamu kamiyyuu dhiibbaa Afrikaanoota hundaarratti ta'u waan ta'eef Afrikaanonni geeggarsa Itoophiyaaf qaban agarsiisaa jiru jedhaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015