Gootonni Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoonni Nageenyaa Naannoo Amaaraa magaalaa guddoo Godina Waaghimiraa, Saqoxaa to'atan.

108

Mudde,13/2014(TOI)- Gootonni Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoonni Nageenyaa Naannoo Amaaraa magaalaa guddoo Godina Waaghimiraa, Saqoxaa to'atan.

Gootonni Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoonni Nageenyaa Naannoo Amaaraa injifannoo boonsaa galmeessaa jiran ittifufuun magaalaattii to'annaa jala oolchuusaanii, Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Humnoonni qindoomina nageenyaa kunneen harcaatota murna shororkeessaa ABUT qulqulleessaa imalasaanii gara Abargalleetti ittifufuun himameera.

Adda waraanaa Qobboon humna diinaa Mujjaafi Dhummuugararra qubatee ture qulqulleessuun imala isaa gara Allaamaaxaa ittifufeeera.

Akkasumas Takulash to’atee gara Koramitti arreedaa jiraachuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015