Mootummaan rakkoo Ummtaa Hiikuuf Yeroo Kamiyyuu Caalaa hojjechaa akka jiru Muummichi Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Ibsan

60

Mattuu Bitootessa 26/2011 Mootummaan rakkoo misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummanni qabu hiikuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon hojjechaa jirachuu muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad himan.

Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa guyyaa har'aa jiraattota godina Iluu Abbaa Boor waliin marii misooma taasisaniiru. 

Marii kanarratti ummanni godina Iluu Abbaa Boor gaaffii adda addaa muummicha ministiraa doktar Abiyyiif kaasanii ru. 

Jiraattota keessaas Adde Araggaash Taarikuu gaaffii kaasaniin ummanni godinichaa rakkoo bulchiinsa gaarii garaagaraa qabaachuu isaanii kaassanniiru. 

"Rakkoon hospitaalaa qabnu wagga dheeraa kan ture dha, godina Iluu Abbaa Boor irraa gara magaalaa Jimmaatti deemnee yaalamaa jirra, kanaaf mootummaan rakkoo Keenya yeroo gabaabaatti nuuf hiikuu qaba " jedhaniiru.

Dabalataanis, rakkoon daandii qaban akka furamuuf gaafataniiru.

Obbo Shamsuu Siraaj gamasaaniitiin Istaadiyeemiin magaalaa Mattuu erga dhagaan bu'uura kaa'ame waggaa 10 ta'ullee hangaa ammaatti hojjetamuu eegaluu dhabuun rakkoo bulchiinsa gaarii waggaa dheeraa ta'uu himan. 

Buufanni Xiyyaaraa godinichatti hojjatamuu dhabuunis komii isaanii ta'uu kaasaniiru.

Obbo Wandimmuu Laggasaa jiraataa godinichaa ta'uu himanii, gatiin Xaa'oo ol ka'uun humna qotee bulaatii ol waan ta'eef mootummaan furmaata hatattamaa akka laatuuf gaafataniiru. 

Dabalataanis dhabamuun bulchiinsa gaarii ummata mankaraarsaa waan jiruuf furmaanni akka itti kenamu gaafatani iru. 

Kannen keessaas rakkoon ibsaa, Telekomunikeeshinii fi kan biraas akka furamuuf gaafii dhiyeessaniiru.

Eddoon Turizimii godinicha keessatti argamanis ilaalchi addaa kennameefii misoomuun ummata naannootiif tajaajila kennuu akka danda'an taasisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Gaaffii ummanni kaaseef deebii kan laatan muummichi ministira doktar Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, mootummaan rakkoo misoomaaf bulchiinsa gaarii fi rakkoo misoomaa ummanni qabu hiikuuf yeroo kamiyuu caallaa kutannoon hojjechaa jira jedhaniiru.

Rakkoon buufata Xiyyaaraa, Hoospitaalaa, Daandii fi Rakkoon bulchiinsaa gaarii kaaftan mootummaa biratti waan beekamuuf furmanni itti kennama jechuun dubbataniiru.

"Aanga'oonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran gaaffii ummataa deebisuuf halkaanii fi guyyaa hojjechuu qabdu" jechuun ergaa isaanii dabarsaaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015