Diyaaspooraa gara biyyaa dhufaniif filannoon hojii investimatii qohaa'eefira.

72

Mudde, 13/2014(TOI) - Diyaaspooraa miiliyoona tokko gara biyyaa dhufaniif waltajjiin filannoon Investimatii adda addaa itti ilaalan qophaa'ufii Komishineerri Investimatii Lalisee Namee himan.

Komishinarittiin akka himanitti baatiiwwan arfan darbaan kana Itoophiyaatti dureeyyoonni hedduun kaappitalaa doolara biiliyoona 1 caaluun hojii inveestimatii hojjetaniiru.

Komishineer Lalisee Namee turtii TOI waliin taasisaaniin akka jedhanitti, waamicha Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisaniin miseensoota diyaaspooraa gara biyyaa dhufaniif waltajjiin filannoo inveestimantii itti ilaalan qophaa'erafi.

Walatajii kana irrattis hojii investimatii Itoophiyaan dursa kennituuf kan ittiin hubatan akka ta'u himaniiru.Diyaaspooraan hojii Investimatii hojjechuuf yoo dhufu kan ittiin keessumeeffamu kutaa mataa isaa kan itti keessummeeffamu qophaa'ufii himaniiru.

Tekinolojiiwwaan adda addaa qabatanii dhufuun dameelee investimatii handhuuraa biyyaa ta'an keessaatti hirmaannaa karaan itti taasisanis carraan jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015