Biyyoonni tokko tokkoo dhaabbilee idil addunyaa akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamuun garee shororkeessaa ABUT du'arraa baraaruuf yaalaa jiru.

82

Mudde, 13/2014(TOI) - Biyyoonni tokko tokkoo dhaabbilee idil addunyaa akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamuun garee shororkeessaa ABUT du'arraa baraaruuf yaalaa jirachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Itoophiyaan birmadummaa fi fayidaa isheetti gochaa gufuu ta'u kamiyyuu hin fudhattu.Deetan ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deesisaa dhimmoota dippilomaasii irratti ibsa kennaniiru.

Duula tokkummaa sabdaneessummaan torban sadan darbee Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota nageenyaa biroo waliin ta'anii garee shororkeessaa ABUT irratti opireeshinii geggeesseen garicha irra kisaaraan hedduun qaqabeera.

Miseensonni garichaa hidhatanii naannoo Affaarii fi Amahaaraa weeraran baay'een isaanii kan barbadaa'an yoo ta'u, naannoleen kunis guutummaan guututti sadarkaa jedhamuu danda'utti bilisa bahuu himaniiru.

Ta'us garichi garuu mo'amee bohuu isaa amanuu diduun naannolee lamaan keessaa kanaan baheef nageenyafi jechuun holola sobaa isaa afarsaa jira jedhaniiru.

Kunis garichi uummata Tigiraay gowwoomsuun mala itti fayyadamuufi ammas uummata kana karaa ittiin gara lolaatti erguuf qopheessaa jiru ta'uu obbo Kabbadaan himaniiru.

Biyyoonni tokko tokkoos holola sobaa garee shororkeessaa kana fudhachuun garichi naannolee Affarii fi Amahaaraa keessaa kan baheef nagaafi dippilomaasiif carraa kennuufi jechuun afarsaa jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015