Meeshaaleen qunnamsiistuu fi uffataaleen garaagaraa garee shororkeessitoota Shanee fi ABUT’tiif dabarfamuuf turan to’ataman.

112

Finfinnee, Muddee 12/2014 (TOI)-Meeshaaleen qunnamsiistuu fi uffataaleen garaagaraa garee shororkeessitoota Shanee fi ABUT’tiif dabarfamuuf turan to’ataman.

Akkasumas Karaa seeraan alaa Itoophiyaadha osoo baafamuuf jiranii maallaqqinni biyyoota garaagaraa fi warqeen batteeffamaan kiiloo giraamni 5.8 shakkamtoota 134 waliin to’annaa jala oolaniiru.

Tajaajilli Odeeffannoo Biyyoolessaa ibsa TOI ergeen, sakattoo fi to’annoo haala waqtaawaa biyyaan walqabsiisee buufata xiyyaaraa Boolee Idil Addunyaatti taasifameen Paawundiin kumni 34 fi 100, Yuuroon kumni 27 fi 170, Maallaqni Swiizii fi doolaarri Kaanaadaa 400 dabalatee Birriin Ityoophiyaa miiliyoonni 4 fi kumni 59 fi 378, Doolaarri Ameerikaa kumni 209 fi 750, Yuuroo kuma 47 fi 370 fi Paawundii Ingiiliiz kumni 37 fi 330 namoota dhuunfa yakkichaan shakkamaan 134 waliin to’annaa jala ooleera.

Warqee batteeffamaan kiiloo giraamni 5.8 karaa seeraan alaa Itoophiyaatii baafamuuf kan turee yoo ta’uu, namoonni dhuunfa gochicha waliin shakkamaan 12 to’annaa jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuu ibsameera.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015