Magaalaa Wucaaleetti dhukaasa Madfii gareen shororkeessaa ABUT dhukaaseen maatii tokko keessaa namoonni 4 ajjeefaman.

52

Mudde, 11/2014(TOI)- Magaalaa Wucaaleetti dhukaasa Madfii gareen shororkeessaa ABUT dhukaaseen maatii tokko keessaa namoonni 4 ajjeefaman.Gareen shororkeessaa ABUT Itoophiyaa diigu malee jedhee kaayyeeffatee ka'e gochaa suukkanneessa hedduu lammilee nagaa irratti raawwateera.

Gareen kun haleellaa Raayyaa Ittisa biyyaa qolachuu yeroo dadhabu lammilee nagaa ajjeesuufi qabeenyaa barbadeessuun ibsituu isaa ta'eera.

Meshaalee gurguddoo fayyadamuun qe'ee lammilee nagaa haleeluun lubbuun hedduu akka darbu taasiseera.

Ajajaa Shantamaa Faantahee Mollaa jiraataa magaalaa Wucaalee haleellaan qe'ee isaanirratti garee kanaan raawwate keessaa nama tokkodha.

Gareen shororkeessaa kun meeshaa waraanaa gurguddaa magaalaa Wucaaleettii dhukaasaa yeroo turetti maatii isaanii namoota 4 ajjeesuun 4 immoo miidhaa guddaa akka irraan gahe himaniiru.

Haleellaa gareen kun qe'ee isaanirratti raawwateen ajajaa shantamaa Faantahee moolla , haadha warraa isaanii, haadha warraa Mucaa isaanii, akkasuma ijoolleen obboleessa isaanii jalaa ajjefamaniiru.

Manni jireenyaa isaaniis guutummatti jalaa gubateera.Yeroos namoonni socho'uu waan hin dandeenyeef reeffa afur qabatanii kan bulan yoo ta'u ganama mana namootarra deemanii akka maatiin isaanii jalaa dhuman itti himuun akka awwalaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015