Dhiibba dinagdee biyyaarra gahu bakka buusuu jallisii bonaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

63

Mudde, 11/2014(TOI)- Bakkeewwan sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuufii oomisha gahee karaa sirrii walitti qabuun duula birmadummaa biyya kabachiisuu cinaatti hojii mootummaan xiyyeeffannoo kenneefii hojjechaa jiru ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Deetan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamawit Kaasaa miidiyaalee ibsa kennaniiru.Ibsa isaaniinis biyyi dinagdee jabaa akka qabaattuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan bara kana misooma jallisiin kuduraa fi muduraa gosa adda addaa irra oomishuuf lafa heektaara kuma 349 qotame keessaa haga ammaatti lafti heektaarri kuma 311 facaafamuu himaniiru.

Misooma jallisii bonaan Qamadii jallisiin oomishuun kanneen xiyyeeffannoon kennameefii irratti hojjetamaa jiru keessaa kan jalqabaa ta'uu eeraniiru.

Jallisii kanaan qamadii lafa heektara kuma 400 irratti misoomsuun oomisha kumataala miiliyoona 16 argachuuf karoorfamuu himaniiru.

Haga ammaatti lafti heekataarri kuma 256 kan qotamee yoo ta'u kana keessaas lafa heekataara kuma 146 irra qamadiin facaafamuu himaniiru.Misooma sululaaf xiyyeeffannoo kennuun hirmaanna uumataa guddisuun hojii hojjetamurratti sagantaawwan qopha'an jiraachuus himaniiru.

Mootummaan duula birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaattii hojii misooma jallisiif xiyyeeffannoo kennuun pirojeektiwwan jallisii jiddugaleessaa fi gurguddoo ta'an hojjechaa jiraachuu deetaan ministeera Tajaajila Kominikeeshinii mootumma Salaamawit Kaasaa himaniiru.

Pirojeetoota bara 2014 bajanni birri biiliyoona 9.8 qabameefii hojjetamuuf karoorfaman 17 keessaa pirojeetonni 12 ijarsarra jireachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015