Bordichi naannoo Sidaamatti magaalotaa fi aanaalee adda addaatti daawwanna taasise.

70

Mudde, 11/2014(TOI) - Bordiin sakattoo labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Sidaamaatti magaaloota fi aanalee adda addaatti hojirra oolmaa labsichaa ilaalichisuun daawwanna taasisaa jira.

Bordichi magaalaa Awaasaatti kutalee magaala adda addaa , aanaa Shadinoo magaalaa Lakkuu fi aanaa Dalee magaalaa Hirgalamtti waajjiralee poolisiitti argamuun hojiirra oolmaa labsichaa fi haala qabnisa mirga namooma shakkamtoota mana amalaa sirreessa jiranii daawwataniiru.

Walitti qabaan boordicha obbo Lammaa Tasammaa daawwanna kanarratti akka dubbatanitti, kaayyoon daawwanna kana qajeelfama labsicha darbuun kanneen shakkamanii to'anna jala jiran eessa akka jiranifi hala qabnisa mirga namoomaa jiru adda baasuudha jedhaniiru.

Daawwanna kanaan humnota nageenyaa sadarkaan jiran fi kanneen qajeelfama labsichaa darbaniiru jedhamuun shakkamanii mana amala sirreessaa jiran waliin haala qabnisa mirga namoomaa, dhiheessii nyaataa,Dhugaatii fi egumsaa qulqullinaa jiru irratti mariin taasifameera.

Daawwanna kanaan boodas boordichi haalota gaarii jiraniifi kanneen fooyya'u qaban irratti qamoolee dhimmi ilaallatuuf yaada furmataa dhiheesera.

Maddi :- Mana Maree Bakka bu'oota Uummataa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015