Naannawoota Arfaasaa biqilchan baay’eesaaniitti Roobni Arfaasaa Ni Babal’ata

67

Finfinnee Bitootessa 26/2011 Guyyoota kurnan dhufan roobni Arfaasaa naannawoota biyyattii Arfaasaa biqilchanitti keessatti cimaa fi babal’achaa akka dhufu raagni ejensii meetirooloojii biyyaalessaa eereera.

Haala kanaan naannoo Oromiyaa Wallaggaa Bahaa fi Lixaa, Jimma, Iluu Abbaa Boor, Shawaa Lixaa fi Kaabaa, Finfinnee, Harargee Bahaa fi Lixaa, Arsii Fi Baalee akkasumas Boorannii fi Gujiin irra caalaansaanii rooba xiqqaarraa amma jiddu galeessaatti akka argatan ni eegama.

Haala wal fakkaatuun godinoonni Gaambeellaa hundi, naannoo Amaaraa irraa Goojjam bahaa, naannawa Bahaardaar, Walloo kaabaa fi kibbaa, godinoonni Gondor ammi tokko, Affaar irraa Zooniin 3 fi 5 naannoo Tigraayirraa Zooniiwwan bahaa fi kibbaa rooba xiqqaarraa amma jiddu galeessaatti ni argatu.

Naannoo Kibbaarraa zooniiwwan Hadiyyaa fi Guraagee, Kaafaa fi Beenchi Maajii, Walaayittaa, Daawuroo, Gaamoo Goofaa, Sidaamaa Oomoo Kibbaa, akkasumas Ummattoonni Sagan irra caalaansaanii rooba xiqqaarraa amma jiddu galeessaatti akka argatan raagameera.

Naannawoonni biyyattii hafan rooba akka hin arganne ejensiin meetirooloojii biyyaalessaa beeksiseera.

Naannawoonni rooba Arfaasaatti fayyadaman hojii qonnaatiif haala mijataa akka akka uumuuf kan eegamu yoo ta’u, qonnaan bulaan karaa sirrii ta’een akka itti fayyadamu ejensichi yaadachiiseera.

Jiidhi kun naannawoota horiisee bulaa fi walakkaan horsiisee bulaaf bishaan dhugaatii fi margaaf shoora guddaa akka qabaatu kan ibse ejensiin kun, naannawoonni jiidha hin qabne bishaan argamu kuusuudhaan yeroo gogiinsaa itti fayyadamuu akka qaban himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015