Pirezdaanti Saahilawarq gitasaaniii Gaaboon waliin mari'atan

73

Mudde, 9/2014(TOI) - Pirezdaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudeen Pirezdaantii Gaaboon Alii Boongoofi kan Angoolaa Joo'awaa Looreenzoo waliin dhimmoota hariiroo waloofi ardii Afrikaarratti mari'ataniiru.

Duula birmadummaa Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruufi hariiroo waloo haala cimsuun danda'amurratti mari'ataniiru.

Gaaboon baatii dhufu miseensa jijjiirramaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii taati jedhame.

Pirezdaanti Saahilawarq Zawudeen daaw'annaa hojii biyyoota Afrikaa garagaraatti taasiisaa turan Gaaboonitti xumuruusaanii ragaan Waajjira Pirezdaantii RFDIrraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015