''Gareen shororkeessaa ABUT Doriidarii Industirii Kombolchaatti argaman 40 barbadeesseera''

64

Finfinnee, Muddee 7/2014 (TOI)-Gareen shororkeessaa ABUT Doriidarii Industirii Kombolchaatti argaman 40 akka barbadeesse qorannoon mirkanaa'uu isaa Miisteerri Industirii beeksiseera.

Ministirri Ministeera Indaastirii obbi Malaakuu Allabaal ibsa laataniin industiriiwwan kun manca'uu isaan lammileen.kuma 11 carraa hojii industiricharra argatanii turan hojii malee hafuu isaanii himaniiru.

Industiriiwwan kunneen manca'uunsan abbotii qabeenya warshichaa fi hojjeetoota achi keessa hojjetaannirraa kasaaraan dinagdee fi miidhaan xiinsammu irraa gahuus obbo Malaakuun himaniiru.

Industiriiwwaan 40 manca'an keessaa 8 baay'ee waan miidhamaniif yeroo gababa keessaatti kan hin deebinee ta’u himaniiru.

Insustiriiwwan 8 irraa miidhaan jiddugaleessa kan gahee yoo ta'u 24 irra miidhaa salphaan qaqqabeera jedhan.

Haala salphaan gara hojiitti kan galan ogeeyyii waajjirichaatin gargaaramanii gara hojiitti galchuuf hojiiwwan eegalamuus ibsaniiru.

  • Naannoo keeeegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015