Ambaasaaddar Jamaal Ministira Boba’aa Baahireen waliin mari’atan

55

Mudde, 7/2014(TOI) - Baahireenitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar Ministira Ministeera Boba’aa Baahireen Sheek Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniitiin dhimmoota biyyoota lameeniifi naannawaarratti mari’ataniiru jedhame.

Ambaasaaddar Jamaal haala nageenyaa, siyaasaa, dinagdeefi invastimantii Itoophiyaarratti Ministirichaaf ibsaaniiru.

Ministira Ministeera Boba’aa Baahireen Sheek Mahaammad ibsa taasifameefirratti Ambaasaaddar Jamaal galateeffataniiru.

Biyyisaanii Itoophiyaatti dameewwan albuuda sibiilaa, Koobaaltiifi Aluminiyeemiirratti hojjechuu akka barbaaddus himan.

Marii taasifameen hariiroo biyyoota lameeniifi naannawaarratti waliin hojjechuuf waliigaluusaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015