Sadarkaa naannoo Amahaaraatti bor hiriirri garee ABUT balaalleffatu ni geggeeffama

71

Mudde 07/2014(TOI) - Hiriirri garee shororkeessaa ABUT balaaleeffatu guyyaa borii sadarkaa naannootti Magaalaa Baahir Daaritti akka gaggeeffamu Biiroon Dhimma Hawaasummaa fi Dubartootaa, Daa’immanii Naannoo Amaaraa beeksise.

Hoggantuun Biirichaa aadde Asnaaquu Diras ibsa kennaniin, gareen shororkeessaa ABUT naannicha erga weeraruu jalqaberraa kaasee daa’imman, dubartootaa, manguddoota fi qaama miidhamtoota irratti dirqiin gudeeduufi sarbama mirgaa dhaqqabsiisuun itti fufeera jedhan.

Ajjeechaa garichi raawwachaa jiruun daa’imman baay’een maatii isaanii dhabuun nama guddisu osoo hin argatiin, manguddoonni immoo nama isaan sooru malee akka hafan taasisuus himaniiru.

Garee Shororkeessaa ABUT Itoophiyaa diiguuf kayyeeffatee kan ka’e yoo ta’uu, naannichatti bakkeewwan weerareetti saamichafi miidhaa olaanaa qabeenya irra dhaqqabsiisaa akka jirus himaniiru.

Garichi daa’imman irraa eegalee hanga ga’eessotaatti dirqiin gudeeduun rakkoo xiin-sammuuf saaxilaa jiraachuu dubbataniiru.

Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT irraa bilisa bahan hanga ammaatti odeeffannoo Biirichaaf dhaqqabe akka mul’isutti dubartoota 147 irratti gudeeddii dirqii raawwachuusaas eeraniiru.Kunneen keessaa 17 daa’imman ta’uu isaanii odeeffannichi ni mul’isa; hiriirri ajjeechaa daa’imman irratti dhaqqabaa jiru kan balaaleeffatu guyyaa borii ganama keessaa sa’aatii 1 irraa eegalee hanga sa’aatii 4tti Magaalaa Baahir Daaritti kan gaggeeffamu ta’uu Biirichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015