Dabrataaboritti namni rasaasa dhoksitee argamte to’atamte

55

Mudde, 06/2014(TOI)- Godina Gondar Kibbaa Magaalaa Dabrataaboritti dubartiin rasaasa kilaashiinkoovii dhoksitee argamte to’atamuushee poolisiin beeksise.

Ittigaafatamaan Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalichaa Inispektara Olaanaa Yaalewu Zallaqaa TOI tti akka himanitti, dubartiin kun kan to’atamte, eeruu ummatarraa qaqqabeen sakatta’insa taasifameen rasaasaa hedduu manashee keessatti kuustee argamusheetiini.

Dubartiin kun to’atamte qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jiru himaniiru.

Dhimma kana wajjiin walitti dhufeenya qabu jedhamanii kan shakkaman to’achuuf hordoffiin taasifamaa akka jiru inispeektarichi himaniiru.

Hawaasni naannawasaa gochaalee seeraan alaarraafi lootee seentootarraa eeguuf taasisaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015