Qorannooleen hayyoota biyyaatiin geeggefaman naamusa qorannoo jiddu galeessa kan godhatan ta'uu qabu.

181

Mudde, 05/2014(TOI)- Qorannooleen hayyoota biyyaatiin geeggefaman naamusa qorannoo jiddu galeessa kan godhatan akka tahaniif xiyyeefannoon hojjatamaa jiraachuun himame.

Ministeerri Barnootaa Yuunivarsiitii Madda walaabuu waliin ta'uun leenjii human raawwachiisummaa naamusa qorannoo irratti kennaa jira.

Qorannooleen naamusa qorannoo hordofuun geeggefaman qorannoolee bu’a qabeessa tajaajila hawaasaa daran akka mirkanaa'u taasisaan keessatti shoora ol’aana qabus jedhame.

Ministeera Barnootaatti Daayrektara jeneraalaa kan tahan Doktor Salamoon Binoor akka jedhanitti qorannooleen dhaabbiilee barnoota ol’aanoo keessatti geeggefaman kan naamusa qorannoo hordofan tahuu qabu.

Qorannooleen geeggefaman namoota,bineensotaafi naannoo irratti dhiibbaa tokkollee geessisuu hin qabus jedhaniiru.

Qoarannoon naamusa yoo hin eegne dhiibbaan isaa ulfaataadha kan jedhan Doktor Salamoon kun akka hin mudanneef koree naamusa qorannoo biyyaalessaa dhaabuun hojiileen jajjabeessoon gara garaa hojjatamaa jirachuus himaniiru.

Leenjiin qorattoota Yuunivarsiitii Madda walaabuutiif kennamaa jirus agarsiiftuu kanaati jedhaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Doktor Ahmad Kaliil gama isaaniitiin Yuunivarsiitichi qoarannoolee fedhiif rakkoo hawaasaa bu’ura godhatan geeggessuu irratti argama.

Hojiilee qorannoo kana cimsuun caalmaatti bu’a hawaasaaf biyyaaf akka kennaniiif qorattoota Yuunivarsiitichaatiif leenjii human raawwachiisummaa kennaa jiraachuus himan.

Doktor Ahimad akka jedhanitti leenjiin naamusa qorannoo irratti kennamaa jiru kunis hudhaalee asiin dura qorattoota qoraa turan maqsuu keessatti shoora ol’aana qabu.

Hirmaattonni leenjichaa gama isaaniitiin leenjichi qorannoo naamusa bu’uraa godhate geeggessuun bu’aa caalmaa qabu galmeessuuf galtee jabaa taha abdii jedhu horachuu dubbatan.

Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu karoora qindaawaa waggootan kurnan dhufan keessatti qabateen qorannoolee Qonna,Fayyaaf tuurizimii irratti caalmaan xiyyeefatee hojjachaa akka jiru baramee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015