Balaawwan biyyattii keessatti muudatan dandamachuufi deebii hatattaamaa kennuuf qophiin dandeessisu xumurameera jedhame.

57

Mudde 05/2014(TOI) - Balaawwan biyyattii keessatti muudatan dandamachuufi deebii hatattaamaa kennuuf qophiin dandeessisu xumurameera jedhame.

Mootummaan humna shororkeessaa irratti tarkaanfii fudhachaa jiruun cinaatti balaawwan uumamaa fi namtolchee biyyattii keessatti muudataniif deebii ariifataa kennuuf qophiin barbaachiisu xumuramuu Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministiri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnoon himaniiru.

Koreen qophiifi Ittisa balaa biyyaaleessaa haala kenninsa deebii balaafi kaayyoo deebisanii dhaabbuu irratti qaamolee raawwachiisaa mootummaa waliin mari’ateera.

Walitti qabaan korichaa Obbo Dammaqaa Mokonnon, marii kanarratti akka jedhanitti Mootummaan yeroo amma humna garee shororkeessaa irratti tarkaanfii cimaa fudhachaa jiru cimsee itti fufa jedhaniiru.

Bakkeewwan weeraramanii turan, yeroo ammaa harka garee shororkeessaa jiranii fi naannolee horsiisee bultootaatti hongee muudate deebisanii ijaaruuf deeggarsa hunda galeessaaf xiyyeeffannoon addaa kan laatamu ta’uu eeraniiru.

Balaa uumamaa fi namtochee qaqqabuuf deebii laachuu fi deebisanii ijaaruuf qaamoleen hojii raawwachiisftuu mootummaa waloon hirmaannaa taasiisuu akka qaban dhaabamniiru.

Koreen Ittisaa Balaa fi qophummaa biyyaalessaa ergama balaaf deebii laachuu fi deebisanii ijaaruu ilaalchisee Qaamolee Hojii Raawwachiiftuu mootummaaf bobbii hojii ifaa laachuu ragaan Waajjira Itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015