Doktar Teediroos Adihanoom daarektar Olaanaa Dhaabbata Fayyaa addunyaa irraa akka kaafamaniif duulli mallattoo walitti qabu geggeeffamuufi.

55

Mudde, 05/2014(TOI) - Yakkoota mirgaa namoomaa raawwatamaniif kan itti gaafatamu miseensa garee shororkeessaa ABUT fi Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanom aangoo isaanirraa kaasuf duulli mallattoo waliitti qabuu gaggeeffamuuf akka jiru himame.

Duula kana irratti Lammiilee Itoophiyaa fi dhalattoonni Itoophiyaa akkasumas lammiileen Eertiraa fi Itoophiyaa ni hirmaatu jedhameera.Duula kanaanis sadarkaa idil-addunyaatti yakka mirgaa namoomaa gareen shororkeessaa ABUT raawwate ragaadhaan deeggarun hoggantoota isaanii seeraan gaafachisuuf hojjetama jira jedhamera.

Doktar Tediroos Adihaanuuf bu'uura qajeelfama dhaabbata fayyaa addunyaa darbuun amanamummaa fi iftoominaan alaa hojjechuun garee shororkeessaa ABUT tiif deeggarsaa fi hoggansa kennaa waan jiruuf aangoo isaarra akka ka'uuf duulli mallattoo walitti qabuu geggeeffamuuf jira jedhameera.

Dooktar Teediroos Adihaanom itti gaafatamummaa isaanii idil-addunyaatti faayyadamun yakkoota sarbama mirga namoomaa fi kanneen biroo Itoophiyaa keessaatti raawwataman dhoksuunii fi dhaabbilee Fayyaa lammiilee miiliyoonan lakkaawaman itti fayyadaman garee kanaan yoo barbadaa’u akka waan hin agarretti bira darbuun garicha deeggaruu isaaniif agarsiiftuudha jedhameera.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015