Magaalaa Jimmaatti tajaajila Itiyoo-Telekoom seeran alaa kennan qabaman

170

Jimma Mudde 17/2011 magaala Jimmaatti meeshaalee tajaajila Itiyoo-Telekoom seeraan ala kennuu danda'an qabuu isaa poolisiin beekisese. 

Meeshaaleen kuneen kan qabaman poolisiin magaalaa Jimmaa poolisii Oromiyaa fincila bittinneessuu fi qaamolee nageenyaa kanneen biroo  waliin ta'uun Mudde 12 bara 2011 sakkatta'a tasiseen akka ta'e beekameera.

 Itti gaafatamaan diiviziyoonii komunikeeshinii waajjira poolisii magaalichaa Inispeektar Gazzaahenyi Aaguchoo tajaajila oduu Itoophiyaatti  akka himanitti sakkatta'a taasifameen kan qabaman keesaa siim-kaardii kuma lamaa fi dhibba ja’aa fi kudhan, koompiitara 16, laap-tooppiiwwan sadii keessatti argamu.

Siipiiyuu 17, siimii 32 al tokkotti kan fudhatu siim-booksii 17, siim-kaardii 16 al tokkotti kan fudhatu siim-booksii 12, Filashii 12, wadaroo Intarneetii maraa sadii fi saanduqa waayifaayii kan jedhaman 3 akkasumas  meeshaaleen biroos qabamaniiru.

Namoonni gocha seeraan alaa kanaan shakkaman 9 qabamanii poolisiin dhimma isaanii qulqulleessaa akka jiru Inispeektarichi beeksisaniiru.

Shakkamtoonni qabaman manneen daldalaa adda addaa kireeffachuudhaan tajaajila Intarneet-kaaffee kan kennan fakkeessuudhaan meeshaa tajaajilli Itiyoo- telekoom itti kennamu karaa seeraan alaa qabtanii argamuu isaanii beeksisaniiru. 

Poolisiin eeruu isa qaqqabe irratti hundaa'ee manneen 16 irratti eeyyama sakatta'insaa baasuudhaan meeshaalee fi namoota yakkaan shakkaman qabuu danda'eera.

Guyyaadhuma kana manneen 21 irratti  eeyyama sakatta'insaa mana murtii irraa baasuun meeshaalee shiishaa 185 qabuu isaanii  Inispaktar Gazzaahenyi dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015