Sabdaneesuummaan tokkummaa Itoophiyaaf bu'uura cimaa qaba- Pireezidant Saayilewariq Zawuudee

71

Sadaasa, 29/2014 (TOI) - Pireezidantiin FDRI aadde Saayilewariq Zawuudee Sabdaneesuummaan tokkummaa Itoophiyaaf bu'uura cimaa qaba jedhan.

Guyyaan saboota, sablammootaafi Uummatoota Itoophiyaa 16ffaa magaalaa Dirre dawaatti kabajamaa jira.Sirna kabaja guyyaa saboota, sablammoota fi Uummatoota Itoophiyaa kana irratti Pireezidanitiin FDRI aaddee Saayilewariq Zawudee, Af-yaa'iin mana maree Federeeshinii obbo Aganyeewu Tashaagar, Pireezidantii mana maree dhimmoota waliigalaa Isilamaa Hajii Muftii Umar Indiris dabalatee hoggantoonni federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Pireezidanti Saayilewariq Zawudee haasaa sirna kanarratti taasisaniin Sabdaneesuummaan tokkummaa Itoophiyaaf bu'uura cimaa akka qabu himaniiru.

Itoophiyaan biyya kanneen afaan adda addaa dubbataan, kanneen Amantaa adda adda amanaanfi aadaa adda addaa qaban walii galanii waliin jirataan ta'uun fakkenya kan taatudha jedhaniiru.Yeroo kana biyyi qoramaata keessa jirti.

Yeroon biyyi keessa jirtu yeroo qabeenyii biyyaa heduun manca'edha. Yeroo namoonni baay'een qe'eefi qabeenyaa isaanirraa buqqa'an heduun jiran ta'us kan dhihee bari'uun akkuma hin hafne waraana boodas nagaatu jira jedhaniiru.

Bu'uraalee misooma sababaa waraanaan manca'an deebisanii misoomsuuf namni hundumtuu gaheesa bahuu akka qabu dhaamaniiru.Kanneen sababaa waraanaan qe'ee isaanirra buqqa'anis garagaruuu gahee nama hundaa ta'uu qaba jedhaniiru.

Humnoota nageenyaa adda waraanaatti birmadummaa biyyaa kabachiisuuf aarsaa kanfalaa jiraniifi kanneen hojii dippilomaasii hojjechaa jiranis galateeffataniiru.

Af-yaa'iin mana maree Federeeshinii obbo Aganyoowu Tashaagar gama isaaniin sirna kanarra akka dubbitanitti, ''Guyyaa kana yeroo kabajinyu tokkummaa keenya eegnee fayidaa waloo keenyaa irratti hojjechuuf waadaa kan itti seennu ta'uu qaba''.

Sabdaneesuummaan keenya cimina keenya kan hin xiqqeesinedha.Miidhagina keenyas kan caalaatti ibsedhaa jedhaniiru.Gareen shororkeessaa ABUT saboota, sablammootaa fi uummatoota Itoophiyaa irraatti yakka daangaa darbe heduu raawwateera jedhaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015