Dureeyyoon Paarkii Indaastirii keessaatti hojjetan gabaa dabalataa akka argataniif irratti hojjetamaa jira.

Sadaasa, 28/2014(TOI) - Dureeyyoon Paarkii Indaastirii keessaatti hojjetan gabaa dabalataa akka argataniif Mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaan irratti hojjechaa jiraachuu Korporeeshiniin Misoomaa Paarkii Indaastirii beeksise.

Hojii geggeessaan olaanaa Korporeeshinichaa obbo Saandookaan Dabbabee TOI tti akka himanitti, Ameerikaan carraa gabaa qaraxa irraa bilisaa Afrikaaf heyyaamtee turte Itoophiyaan dhorkachuun dhiibbaa haqa qabeessaa hin taane taasisaa jirti.

Kanaafis dureeyyoon Paarkii Indaastirii keessaatti hojjetan akka hin rakkanneef gabaa dabalataa akka argataniif irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.

'' 'Agawaaa'n dhaabbachuun oomisha dhaabuu fi hojjetaa bittimsuu miti'' kan jedhan obbo Saandokaan dureeyyoonni kuneen carraa gabaa Ameerikaatti fayyadamaa turan cinaatti kan biraas barbaadaa jiraachuu himaniiru.

Carraalee gabaa AWurooppaa fi kanneen biroos haaluma kanaan irratti hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Murteen Ameerikaan carraa gabaa qaraxarraa bilisaa Itoophiyaarra adda kutuu ishee sirri akka hin taanee hubachiisuuf mootummaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Mootummaa carra gabaa dabalataa barbaaduun cinaatti gosoota oomishaas dabaluurratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru hoji geggeesichi himaniiru.

Gara fuula duraattis rakkoowwan mudachuu danda'aaniis xiyyeeffannoo keessa galchuun hojiin fayya'insaa adda addaan hojjetamaa jirachuu himaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015