Turkitti waldaan gamtaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa hundeeffame

Sadaasa 26/2014(TOI) - Turkitti waldaan gamtaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa akka hundeeffame ministeerri dhimmi alaa beesise.

Waldaan kun kan hundeeffame mirgaa fi faayidaa lammiilee eegsisuuf, lammiilee miidhaa hawaasummaa garaagaraa mudate deeggaruuf kan karoorfate ta’uun beekameera.

Waqtii kanatti Itiyoophiyaatti lammiilee buqqa’aniif sagantaan galii funaanuu gaggeeffameera.

Sagantaa waldaa hundeessuu fi galii funaanuu kanarratti Turkitti ambaasaaddara Adam Mahaammadiin dabalatee dippiloomaatonni minisiyoonichaa, bakka bu’oonni komuniitii Arfiikaan fi akkasumas michuuwwan Itiyoophiyaa irratti argamaniiru.

Qophii kanarratti kan argaman lammiileen Itiyoophiyaa, dhalattoonni Itiyoophiyaa, bakka bu’oonni komuniitii Arfiikaa fi Michuuwwan Itiyoophiyaa kan ta’an lammiileen Turkii duula giddugaltummaa biyya keenyarratti taasifamaa jiru sagale tokkoon kan morman yoo ta’u, deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan waadaa seenanuu isaanii ministeerri dhimmi alaa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015