Baatiiwwan Arfan darbanitti Abbootiin Qabeenyaa 54 Kaappitaala Doolaara Ameerilaa Biliyoona 1 ol galmeessisan hojii investimeentiif galmaa’uu isaanii Komishiniin Investimeentii Itiyoophiyaa beeksise. - ENA Afaan Oromoo
Baatiiwwan Arfan darbanitti Abbootiin Qabeenyaa 54 Kaappitaala Doolaara Ameerilaa Biliyoona 1 ol galmeessisan hojii investimeentiif galmaa’uu isaanii Komishiniin Investimeentii Itiyoophiyaa beeksise.

Sadaasa 25/2014(TOI) -Baatiiwwan Arfan darbanitti Abbootiin Qabeenyaa 54 Kaappitaala Doolaara Ameerilaa Biliyoona 1 ol galmeessisan hojii investimeentiif galmaa’uu isaanii Komishiniin Investimeentii Itiyoophiyaa beeksise.
Komishinerri Komishinii Investimeentii Itiyoophiyaa Lalisee Namee akka himanitti raawwiin kun karoora qabame keessa 78% yoo ta’u kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu immoo 28% caalmaa qaba jedhan.
Abbootii qabeenyaa 54 galmaahan keessa 33 damee manafaakcheriingii irratti kan hojjetan yoo ta’u kanneen hafan immoo damee tajaajilaa irratti hojjechuuf akka ta’es himan.
Investeroonni baay’een Chaayinaa irraa kan dhufan yoo ta’u kanneen kaan immoo biyyoota gargara garaa irraa akka ta’es himaniiru jechuun DhPI gabaaseera.