Haroon Wancii, qe'ee hawata Tuurizimi ta'uun filatame.

166

Sadaasa 23/2014(TOI) - Haroon Wancii, qe'ee hawwata Tuurizimi filatamaa bara 2021 ta'uun filatame.Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Tuurizimii Adduunyyaa 24ffaa magaalaa Ispeen, Maadriidittii taa’aamerratti Haroon Wancii, q'ee hawwata Tuurizimii bara 2021 filatamoo keessaa tokko ta'uun filatameera.

Haroon Wancii naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba lixaatti argamu yoo ta'u qe'eewwan hawwata turizimii 170 keessa kan jalqaba ta'uun filameera.

Ministirri Turizii ambaasaaddar Naasisee Caalii akka himanitti, qe'een hawwata Turstoota ta'ee Haroon Wancii qabeenya sadarkaa jalqabaatti kan filameef qabeenya aja'ibaa hawataa turistootaa ta'an hedduu of keessaatti hammatee qabaachuu isaanii jedhaniiru.

Haroon kun bakka hawwata Turistootaa filatamaa ta'uu isaatti baga gammaddan kan jedhan ministirittiin Qabeenya uumamaa qe'een hawwata Turizimii kun qabu kununsuun kan kanaan geesistaan jiraattoonni naannawwichaafi qooda fudhatoonni biroon galata guddaa qabdu jedhaniiru.

Qabeenyi uumamaa kun sadarkaa addunyaatti beekamtii akkanaa argachuun isaa qabeenya uumamaa biroos akkasuma kunuusuuf kaka'umsa cimaa kan uumudhas jedhaniiru.

Dameelee hojii mootummaan xiyyeeffannoo kenneefii hojjechaa jiru keessaa tokko turizimii ta'uu kan himan ambaasaaddar Naasiseen hojiiwwan hawaasa hammataan misoomni Turizimii kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti kan argamu Dhaabbanni Tuurizimii Adduunyyaa ya'ii inni bara kana ta'ee irratti jilli Itoophiyaa aadde Salaamawit Daawitiin durfamu irratti hirmaatera.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015