Gareen Olompiikii Biyyoolessaa Dubartootaa Itiyoophiyaa Garee Biyyaalessaa Dubartootaa YugaandaaWaliin Ni Taphata

98

Finfinnee Bitootessa 25/2011 Gareen biyyaalessaa olompiikii dubartootaa Itiyoophiyaa garee biyyoolessaa olompiikii Ugaandaa waliin har’a ni taphata

Gareen biyyaalessaa dubartootaa itiyoophiyaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2020 olompiika Tookiyoo irratti hirmaachuuf tapha calallii jalqabaa har’a garee biyyoolessaa dubartoota Ugaandaa wajjiin kan taasisan.

Gareen biyyoolessaa calallii taphichaaf Bitootessa 12 /2011 A.I eegalee shaakallii gochaa kan turan yoo ta’u, tapha kanarratti kan hirmaatan  taphattoonni 25 adda baafamaniiru.

Leenjisaan garichaa Salaam Zar’aayi taphattoonni hunduu nageenya guutuurra jiraachuu isaanii fi garichi tapha taasisuuf qophii barbaachisu gochuu isaanii ibsaniiru.

Walii galaan gareen biyyooleessa Ugaandaa miseensota 28 qabate kaleessa barii Finfinnee kan gale yoo ta’u,  galgala  Istaadiyeemii Finfinneetti shaakallii isa dhumaa taasisuuf kan ture ta’us sababa rooba cimaatiin shaakallii otoo hin taasisiin hafaniiru.

Kunis garee biyyoolessaa Itiyoophiyaaf carraa gaarii akka ta’e kan eegamu dha.

Gareewwan lamaan tapha calallii jalqabaa har’a guyyaa keessaa sa’a 10:00tti istaadiyeemii Finfinneetti taasisama.

Tapha deebii guyyaa sadii booda Ugaandaa Kaampaalaatti kan taasisan yoo ta’u, gareen biyyoolessa Itiyoophiyaa tapha ga’anii deebi’uu taasisuun milkiin yoo toleef yeroo itti aanu garee biyyoolessa dubartoota Kaameeroon waliin kan wal quunnamu ta’a.

Kan har’aa gareewwan biyyoolessa dubartootaa Itiyoophiyaa fi Ugaandaa calallii tapha jalqabaa kan seeraffaman arfanuu abbaa seerotaa Gibtsiitiin.

Itoophiyaa taphoota olompiikaan waltajjiilee idil addunyaarratti keessumaa Atileetiksiin seenaa baay’ee galmeessisiftus kubbaa miillaan garuu hanga ammaatti hirmaattee hin beektu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015