Ameerikaanonni biyyi isaanii Chaayinaa waliin waraana gaggeessuu dandeessi soda jedhu qabu - Qorannoo

176

Sadaasa 22/2014(TOI) - Ameerikaanonni baay’een biyyi isaanii Ameerikaan biyyoota biroo caalaa Chaayinaa waliin Waraana gaggeessuu dandeessi soda jedhu keessa akka jiran qorannoon eereera.

Inistiitiyuutiin Ronaldi Reege jedhamu qorannoo deeggartoota Paartii Dimookiratootaa fi Rippabilikaanoota gaafatee hoojeteen wal morkiin siyaasaa fi dinagdee Ameerikaa fi Chaayinaani taasiisaa jiran gara waraanaatti geessuu danda’a jechuun sodaachuu isaanii eeraniiru.

Hirmaattonni qorannichaa dhibbantaa 52 ta’an Chaayinaa biyya qofaa ishee of dandeessuu tokkittii ishee kan ibsan yoo ta'u dhibbantaa 14 immoo Ruusiyaa sodaan akka ilaalaa jiran qorannichi eeruu isaa dhaabbanni oduu 'Foreinsic news’ jedhamu gabaaseera.

Qorannoo bara 2018 A.L.Atti gaggeeffameen dhibbantaa 21 Dimokiraatonnii fi Rippaabliikonni Chaayinaa akka sodaa guddaatti yaadaa turuu isaa kan yaadatu qorannichi, xumura bara 2021 A.L.A tti galagaltoon dhibbantaan 64 Rippaabilikaanotaa fi dhibbaantaa 44 Dimokiraatonni Chaayinaan Ameerikaarra sodaa guddaa qabdi jedhanii yaadu jedha gabaasichi.

Chaayinaan dinagdeen haala olaanaan guddachuun ishee fi dandeettiin waraanaa ishee cimuun sodaa kanaaf sababoota olaanoo ta’uu kan eere qorannichi , hirmaatonni qorannichaa dhibbantaa 71 biyyoonni lamaanuu walwaraanuutti seenuu akka danda’an ibsuun isaanii eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015