Deeggarsa Raayyichaaf taasifnu cimsinee itti fufna.

82

Sadaasa 21/2014 (TOI) - Hoggantoonnii fi hojjetoonni Korporeeshinii manneen Federaalaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisan cimsanii kan itti fufan ta'uu himan.

Hoggantoonnii fi hojjetoonni Korporeeshinichaa mata dure'' Kan lubbuu isaa naaf hin qusanneef dhiiga koon kenna'' jedhuun yeroo sadaffaaf har'a dhiiga gumaachaniiru.

Hoji geggeessan olaanaa Korporeeshinichaa obbo Rashiid Kamaal akka himanitti, birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa aarsaa kanfalaa jiru cinaa dhaabbachuun dirqama lammummaa hundii qabudha.

Hojjetoonnii Korporeeshinichaas kana qabataman agarsiisaa jiru jedhaniiru.

Hojjettoonnii fi hoggantoonni korporeeshinii Manneen Federaala duula birmadumma biyyaa kabachiisuuf taasifamaa jiru haga ammaatti deeggarsa birri miiliyoona 30 taasisaniiru. Kan har'aa dabalatee yeroo sadiif dhiiga gumachaniiru jedhaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisan kan cimsanii itti fufan ta'uu himaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015