Akkadamichi lammiilee buqqa’aanif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise - ENA Afaan Oromoo
Akkadamichi lammiilee buqqa’aanif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise

Finfinnee, Sadaasa 21/2014 (TOI) – Akkadaamiin Hoggansaa Afrikaa Lammiilee qe'eefi qabeenya isaanirra sababaa gare shororkeessaa ABUT tiin buqqa’aanif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasiseera.
Deeggarsicha Pirezidaantii Akkamichaa dooktar Mirat dabbabee Komishineera Komishiinii hoggansa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaatti dabarsanii kennaniiru.
Deggarsa taasifame kana keessaa birrii miiliyoona 1.2 hojjetoonni Akkadamichaa miindaa isaanirraa kan kennan yoo ta'u kan hafe immoo Akkadaamii Hoggansaa Afrikaati deeggare.