''Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun dirqama keenya''

125

Sadasaa 21/2014 (TOI) - Foramiin dureeyyoota Finfinnee birmadummaa biyyaa kabachiisuuf aarsaa hedduu kanfalaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun fedhii qofa osoo hin taane dirqama keenyadha jedhe.

Pirezidaantiin Foramii dureeyyoota Finfinnee obbo Ashanaafii Saaamu'eel TOI tti akka himanitti qormataa Itoophiyaa yeroo ammaa mudatee jiru keessaa bahuuf hunduu tumsa gochuu qaba.

Foramichi dureeyyoota magaalaa Finfinnee walitti qabuun Komishiinii Investimatii Finfinnee waliin qabeenya walitti qabaa turu himaniiru.

Kanaas qabatanii gara adda waraanaa deemuun Raayyaa Ittisa Biyyaa jajjabeessuun akka kennaaniif himaniiru.

Pirezidaantichi Raayyaa ittisa biyyaa biyyaaf jecha aarsaa hedduu kanfalaa jiru gargaaruun dirqama nama hundaati jedhaniiru.

Barreessituun olaantuu Foramii dureeyyoota Finfinnee addee Wayinisheet Taarraqeny gama isaaniin waamicha biyyaa owaachuun akka dhuunfaattis akka Foramii dureeyyoota finfinneettis waan barbaachisaa ta'ee raawwachaa jirachuu himaniiru.

Naannoo kee eegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015