Ajajni Labsii yeroo Muddamaa hawaasa Godinaalee Shawaa Kaabaa, Naannoo Amaaraatti Godina Addaa Saba Oromoofi Walloo Kaabaa jiraataniif akeekkachiisa dabarse.

78

Finfinnee, Sadaasa 21/2014 (TOI) – Ajajni Labsii yeroo Muddamaa hawaasa Godinaalee Shawaa Kaabaa, Naannoo Amaaraatti Godina Addaa Saba Oromoofi Walloo Kaabaa jiraataniif akeekkachiisa dabarse.

Raayyaan ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroon haleellaa olaanaa taasisaniin diinaarra kisaaraa guddaan qaqqabaa jira.

Diinnis kan danda’ee saamuun, kan ammoo barbadeessuun baduufis yaala jira. humni garee shororkeessaa iddoowwan seeneetti osoo hin adabamiin ba’uu hin qabu. Kan booji'amu ni booji’amaa ykn ammoo tarkaanfiin irratti ni fudhatamaa jedha qaajelchichi.

Kanaafis miseensoonni garee ABUT iddoowwan weeraraniitti, raayyaan ittisa biyyaatin barbada’aa jiraachuun miseensoonni garicha lubbuu keessaan olchuu harka kennaadhaa jedheera ajaini labsii yeroo aariifachisaa.

Kana kana kan hin fudhanne garuu adabbii isin irra ga’uuf itti gaafatamuumman kan keessani jedheera.

Miseensoota garicha harka laataan hawaasni kunuunsaan qabee humnoota nageenyaaf akka dabarsuu, qaamoleen nageenyaas miseensoota kanneen sirna seeraan akka qaban ajaja dabarseera.

Kutaa Hawaasa iddoowwan weeraramaniitti argamaniif, gurmooftanii qabeenya hatamee hambisuun, konkolaattoonni akka hin dabarreef daandiiwwan dhaagaa fi jirmaan cufuun garee shororkeessaa ABUT to’annaa jala oolchuun,diinni tokkoolleen miliquu hin qabuu harka laachuu qaba ykn tarkaanfii irratti fudhatamuu qaba.

Akkasumas diinni meeshaa waraanaa qabatee miliquu hin qabus jedha qajeelchi laabsii yeroo muddamaarraa ba’e.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015