Kutaa Bulchiisa magaalaa Gullallee fi Nifaas silkiil Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa birri miiliyoona 40 olii taasisan.

Sadaasa 19/2014(TOI)- Magaalaa Finfinnee kutaan bulchiisa magaalaa Gullallee fi Nifaas silkiil Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa birri miiliyoona 40 olii taasisuun isaanii himamee.

Sirna deeggarsa kennuu kana irrattis gummaachi dhiigaa taasifameera.

Jiraatoonni Kutaa bulchiisa magaalaa Gullallee
Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggasa gosa adda addaa kan birrii miiliyoona 31 fi kuma 165 ta'uu taasisaniiru.

Haga ammaatti kutaan magaalichaa Raayyaa Ittisa biyyaaf deeggarsa birrii miiliyoona 157fi kuma 365 taasiuu hojii geggeessituun olaantuu kutaa magaalaa Gullallee aadde Qonjiit Dabalaa himaniiru.

Gama biroon kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas silkiitt nyaataa fi meeshalee adda addaa birii miiliyoona 10 baasu Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggareera.

Deeggarsi kunis hawaasa kutaa magaalichaa irraa kan walitti qabame yoo ta'u, deeggarsichas hoji geggeesituun olaantuu kutaa magaalichaa aadde Natsaannat Dhaabaa bakka bu'aa raayyaa ittisa biyyaa Koloneel Lachiisaa Dabalaatti dabarsanii kennaniiru.

Aadde Natsaannat akka himanitti jiraattoonni kutaa magaalaachaa kanaan duras raayyicha deeggara kan turan ta'uu himanii gara fuula duraattis deeggarsi kun kan itti fufu ta'uu himaniiru.

  • Naannoo kee eegi
  • Gara adda waraanaatti duuli
  • Raayyaa Ittisa biyyaa deeggari
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015