Dooktar Illeenii Gabramadihin gorsituu diinagdee walabarraa kaafaman

56

Finfinnee, Sadaasa 19/2014 (TOI) - Dooktar Illeenii Gabramadihin guyyaa har'aa eegalee gorsituu diinagdee walabarraa kaafamuu isaaniiMinisteerri Pilaanii fi misoomaa beeksiiseera.

Dooktar Illeenii Gabramadihin, tibbana walga'ii dhoksaa giddugala nageenyaa fi misoomaan idil addunyaa dhaabbata jedhamuun qopha'erratti irraatti hirmaachuun mootummaa Itoophiyaa filannoo uummattan gara aangootti dhufe kaasuun mootummaa ce'umsaa hundeesseef yeroo yaadaa dhiyeessaan muul'ataniiru.

Dooktar Illeeniin waltajjii dhoksaan qophaa'ee kanarratti garee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummaatan shororkeessummaan moggaafame ifatti wayita deeggaran argamaniiru jedhame.

Akkaataa dambii mana maree gorsiitoota dinagdee walbaan miseensi mana marichaa Paartii ykn dhaaba siyaasaa kamiiyyuurraa bilisa ta'uu qaba.

Manni Maree Gorsitoota diinagdee kun walga'ii ariifachiisaa Sadaasa 18, 2014 gaggeesseen Dooktar Illeenii Gabramadihin walga'ii mootummaa Itoophiyaa filannoo uummattan gara aangootti dhufe kaasuun mootummaa ce'umsaa hundeessee jedhu kanarratti hirmaachuu isaaniin miseensa mana marichaa ta'uun itti fufuu akka hin dandeenye murteesseera.

Sababuma kanaan Dooktar Illeenii Gabramadihin guyyaa har'aa Sadaasa 19/2014 irraa eegalanii minseensa Gorsitoota diinagdee walabaa keessaa baafamuu isaanii Ministeerri Pilaanii fi misoomaa beeksiiseera.

-Naannoo keessan eegaa!

-Gara adda waraanaatti duulaa!

-Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015