Gareen shororkeessaa ABUT magaalaa Kagaasgittaa fi Mudiinaarra laleelamee osoo hin baafamiin dura dubartootaa fi da'immaan hedduu ajjeeseera.

53

Sadaasa 18/2014 (TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT magaaloota naannoo Affaar weeraree qabatee ture Kagaasgittaafi Mudiinaa jedhaman irraa humnoota nageenyaa Itoophiyaan haleelamee osoo hin bahiin dura dubartootaafi daa'immaan hedduu ajjeesera. Qabeenya hedduus barbadeessera.

Ajajaa waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimadiin kan hoogganamuu humnoonni nageenyaa Itoophiyaa sadarkaa adda addaatti jiran haleella garee shororkeessaa ABUT irratti fudhataniin magaalaa Kagaagistaa gadi dhiisisuun lafa tarsimoo lolaaf barbaachisa ta'an to'achuun ni yaadatama.

Humnoonni nageenyaa kun gaarrewwan naannawwaa magaalaa Baatii fi Kombolchaa jiran to'achuu isaa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kaleessa galgalaa beeksisee ture.

Maddeen keenya akka naannoo sanaa nuuf ibsanitti gareen shororkeessaa ABUT osoo magaaloota Kagaagistaa fi Mudiinaa gad hin dhiisiin dura dubartoota fi daa'immaan akkasuma manguddoota dadhaboo hedduu ajjeesera.

Masjiidota diigeera. Qura'aana walitti qabee gubeera.

Manneen jireenyaa namoota dhuunfaa, Suuqiiwwan, Manneen nyaataa, Bufataalee Fayyaa, Manneen barnootaafi bu'uraalee misooma korneetti meeshaa waraanaa jajjaboon rukee barbadeessera. Kaan isaanii immoo Ibiddaa itti qabsiisee gubeera.

Gareen shororkeessaa kun haleellaa humnoonni nageenyaa Itoophiyaa irratti fudhachaa jiruun bakka weeraran qabatee ture gad dhiisee dheessaa jira.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har'a kenneen mohamee dheessaa kan jiru gareen shororkeessaa ABUT qabeenyaa saamee kaan immoo barbadeessee akka hin dheessine hawaasni naannoo isaa eeggachuu qaba jedhaniiru.

Naannoo kee eegi

Gara adda waraanaatti duuli

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015