Duula diinni kallattii hundaan nutti banee qolachuuf yeroo osoo hin keenifiin kallatti hundaan hojjechuu qabna. - ENA Afaan Oromoo
Duula diinni kallattii hundaan nutti banee qolachuuf yeroo osoo hin keenifiin kallatti hundaan hojjechuu qabna.
Finfinnee, Sadaasa, 18/2014(TOI) - Qormaata kallatti hundaan Itoophiyaa mudachaa jiru qolachuufii rakkoowwan uumamuu danda'an hambisuuf karoorri deebisanii misoomsuu ammuma irraa eegalee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen beeksisan.
Ministirichi milkaa'ina karoora qabameefi Ministeera Jallisii fi naannawwaa Gammoojjii waliin hojjechaa jiraachu himaniiru.
Oomisha gahe walittii qabuun karaa milka'aan akka raawwatamuuf ogeeyyoonni ministeerichaa hedduun kan federaala fi kan naannoolee dirreetti bobba'uun deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Oomisha namoota birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gara adda waraanatti duulanii hawaasni akka walitti qabuufif taasifamaa jiraachuus himaniiru.
Sadarkaa biyyaatti haga ammaatti Oomisha bara oomisha kana oomishame keessaa bakkeewwan waraanni hin jirreetti harka 42 walitti qabamuu himaniiru.
Naannoo Amahaaraa fi Affaar bakkeewwan waraanni jirutti hanqinni oomishaa akka hin mudanneef waktii bonaa deebisanii misoomsuuf hojiin qonnaa jalqabamuu Ministirichi himaniiru.
Naannolee kanatti bakkeewwan hin weeraramneefi kanneen weerara irraa bilisa bahanitti akkataa karooran ji'oota lamaan darban sanyii fi xaa'oo qopheessuun keessayyuu Qamadii jallisiin oomishuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Akka kanaan dura barameen hojjennee waan karoorsineefi yaanne milkeessuun hin danda'amu waan ta'eef rakkoo amma Itoophiyaa mudate keessaa bahuuf ulfaatina rakkichaa hubachuun hojjechuun barbaachisadha jedhaniiru obbo Umar.
Obbo Umar Huseen akka himanitti,Itoophiyaatti namoota hedduutu gargaarsa Seeftineetiin jiraata. Kun kan ta'eef Itoophiyaan rakkoo qabeenya qabatee osoo hin taane qabeenya qabnutti fayyadamuu dhabuun kan dhufedha jedhaniiru.
Rakkoo Itoophiyaa mudatee haala hubachuun namni hunduu xiiqiinfi onnee guutuun rakkicha keessaa bahuuf hojjechuun barbaachisa akka ta'e himaniiru.
Naannoo kee eegi!
Gara adda waraanaatti duuli!
Raayyaa Ittisa biyyaa deeggari!