Yuunvarsiitichi hayyoota garee shororkeessaa waliin ta’uun biyya diiguuf socho’an akeekkachiise

69

Finfinnee, Sadaasa 17/2014 (TOI)- Yuunvarsiitiin Finfinnee hayyoota yeroo garaagaraatti Yuunvasiiticharraa eebbafamanii biyyoota garaagaraa taa’uun garee shororkeessaa waliin biyya diiguuf socho’an akeekkachiiseera.

Hawaasni Yuunvarsiitichaa haala yeroo biyyaalessaa fi duula birmadummaa ilaalchisee ibsa ejjennoo baaseera.

Hayyoonni muraasni oolmaa Yuunvarsiitichaa fi biyyaa dagachuun garee shororkeessitootaa waliin biyya diiguuf osoo shira xaxanuu bira ga’amuu ibseera.

Hayyoonni yeroo garaagaraa Yuunvarsiiticharraa eebbifamanii biyyoota garaagaraa jiranii fi garee shororkeessitootaa deeggaran gocha isaaniirraa of qusachuu akka qaban pireezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasawu Waldahaannaan ibsaniiru.

Gocha isaaniirra of hin qusatan yoo ta’e hanga seerri Yuunvarsiitichaa eeyyamutti adeemamee tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu kaasaniiru.

Gama biraatiin eebbifamtoonni Yuunvarsiitichaa duraaniis ta’e ammaa qabsoo biyya baraaruu eegalan cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015