Deeggartoonni garee shoroprkeessaa ABUT maqaa qabaniin daheeffatanii turan haguuggiin isaanii irraa mulqamaa jira.

90

Sadaasa 16/2014(TOI) - Maqaa ittigaafatamummaanii fi beekamtii biyyattiin kenneefitti fayyadamuun irra deebiin biyya diiguuf kaneen garee shororkeessaa ABUT dhoksaan deeggaraa turan hagguuggiin isaanii irraa mulqamaa dhufeera.

Yeroo amma kana Itiyoophiyaa diiguu fi mootummaa dadhabaa hundeessuuf qaamoleen barbaadan karaa biroon boolla itti awwaalaman keessaa mul’ataa jiru.

Garbummaa ammayyaa raawwachuun bara dheeraaf aangoorra kan ture gareen shororkeessaa ABUT qasoo uummata Itiyoophiyaan gara awwalaatti galaa jiraachuu hordofee garicha awwala kana irra hambiisuuf dhoksaa kanneen deggaraa turan ifa bahaniiru.

Namoota kana haguuggicha irraa mulquun gochi raawwataa jiran addabaabayiitti isaan baaseera.

Garee shorokeessichaa boolla itti awwaalamuuf dhiyaataa jirurraa baraaruuf miseensonni garee kanaa dhoksaan haguuggii kan kennan gargaartonnii fi akkasumas warri dhiyaa, hirmaattonni faayidaa fi dippiloomaatonni walga’ii icciitii gaggeessaa jirantu saaxilame.

Beekamtii isaaniitti fayyadamuun garee shororkeessichaaf dhoksaan deeggarsa utuu kennanii haguuggiin isaanii irraa mulqamuun kan saaxilaman keessaa doktar Illeenii Gabramedihiin, pirofeesar Ifreem Yisiyaaq, pirofeesar Xilaahuun Bayyanaa, ambaasaaddara Baqqalaa Galataa,( fannoo diimaa), doktar Taaddasaa Wahiib(CDC) , Kuulanii Jaallataa( Uscongress) olaanoo dha.

Kanneen akka pirofeesar Ifreem Yisiyaaq faa maqaa jaarsa biyyaan bittaa kolonummaa fi shira irra deebiif duubaan ta’anii gochi raawwataa jiran mirkaneeffamuu isaa deetaan ministira alaa ambaasaaddar Reediwaan Huseen ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015