Dhiibbaa alaa Itoophiyaarratti baname injifannoon goolabuun Afrikaaf injifannoodha

84

Sadaasa 16/2014- Dhibbaa alaa yeroo ammaa Itoophiyaarratti baname injifannoon goolabuun Afrikaaf injifannoodha jedhan Pireezidaantiin Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaa Dooktar Mihirat Dabbabaa.

Dookta Mihirat Dabbabaa akka jedhaniitti Yeroo ammaa Itoophiyaanoonni yeroo seenaa qabeessa irra jirra.

Afrikaanoonni nu cinaa akka jiran agarsiisaa jiru waan ta'eef waraana kana inijfachuun alatti filannoo biraa hinqabnus jedhaniru.

Itoophiyaan seenaa ishee keessaatti bilisummaa ishee kabachiifattee turteetti.

Warreen biroon ille gara bilisummaatti akka ce'aniif ijifattee agarsiifteetti. Ammas seenaa kana irra deebi'uun agarsiisuu qabdi .

Dhaloonni ammaa immoo waraana kana injifachuun seenaa haaraa galmeessu qabaas jedhaniru. @DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015