Guyyoota lamaan kanatti duula addaa taasifameen hoggantoonni diinaa 12 barbadaa'aniiru.

78

Sadaasa,15/2014(TOI) - Mootummaan beekumsa hoggansaafi teknolojiitti fayyadamuun adda waraanaa Baatiitti tarkaanfii fudhatameen hoggantoonni ABUT 6 barbadaa'uusaa Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsa galgala kana kennaniin himaniiru.

Hoggantoonni garee shororkeessaa barbadaa'an kunneen yakka biyya ganuutiin barbaadamaa kan turan ta'uu himaniiru.

Har'a adda waraanaa Kamiseetti haaluma wal fakkatuun tarkaanfii fudhatameen hoggantoonni olaanoo shororkeessichaa 6 barbadaa'uufi walumaagalatti guyyoota lamaan kanatti 12 barbadaa'uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015