Obbo Ahmad Shidee ambaasaaddara Awurooppaa waliin dhimmoota biyyoota lamaaniirratti mari’atan

57

Sadaasa -15/2014(TOI) - Obbo Ahmad Shidee ambaasaaddara gamtaa Awurooppaa kan ta’an Ronaldi Kobiya waliin dhimmoota biyyoota lamaaniirratti mari’atan.

Ministirri maallaqaa obbo Ahmad Shidee ambaasaaddara gamataa Awurooppaa Ronaldi Kobiya waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ministeerri maallaqaa ibseera.

Marii isaaniin walitti dhufeenyaa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa haala cimsurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun gamtaan Awurooppaa fi Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraan dhimmoota waliin raawwataman ilaalchisee yaadni ka’eera.

Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf hojii dandeessisu gaggeessuuf marii kanaan waliigaluun isaanii eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015