Sosochiin gootootaa kan ummata gurraacha hundaa ta’uu qaba – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

120

Finfinnee, Sadaasa 15/2014 (TOI) – Sosochiin gootootaa kan waraana Itoophiyaarratti banamee qofa osoon hin taane kan ummata gurraachaa hundaa ta’uu qaba jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.

Waraanni biyyoonni lixaa garee shororkeessaa ABUT waliin Itoophiyaarraatti banan waraana kolonii harka wayyaa jalaati jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa biyya isaanii baraaruuf sosochiin gootootaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Sochichi garuu kan Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan ummattoota gurraacha hundaa ta’uu qaban jedhan.

Ummattoonni guraachaa kolonii fudhachuu diduun Afuura Paan Afrikaanizimiin Itoophiyaa waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Kan Itoophiyaa jaalatu, gurbummaa fi kolonii harka wayyaa jalaa kan jibbu hundi waamicha Ministira Muummee fudhachuun gara adda waraanaatti duuluu akka qabu gaafataniiru.

-Naannoo keessan eegaa!

-Gara adda waraanaatti duulaa!

-Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015