Murtoon Ministirri Muummee biyya baraaruf gara adda waraannatti duuluuf murteessan yeroo isaa kan eegatee fi seenaa Itoophiyaa keessatti kan eerama hafudha!

68

Sadaasa, 15/2014 (TOI) - Murtoon ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad biyya badiirra baraaruf gara adda waraanaatti duuluf murteessaan kan yeroo isaa eeggatee fi seenaa Itoophiyaa keessatti yoom iyyuu kan yaadatamudha jedhan hoggantoonni paartilee siyaasaa adda addaa TOI dubbise.

Hoggantoonni kun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gara adda waraanaatti duuluun aarsaa barbaachisu kanfaluuf qophii ta'uu himaniiru.

Hoggantoonni kunneen akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti, Ajajaan humana waraanaa walii galaa biyyaatti dooktar Abiy Ahimad murtoon birmadummaa biyyaa eeggisisuuf dabarsan kan yeroo isaa eeggatee fi seenaa keessatti yoom illee kan yaadatama hafudha jedhaniiru.

Hoggaan Paartii Dimookiraatawwaa Tigiraay dooktar Aragaawii Barihee akka paartii isaanitti biyya badiirraa baraaruf ministira muummee waliin ni hiriira jedhaniiru.Dhiibbaa gareen shororkeessaa ABUT fi kanneen biroon biyya irraan gahaa jiran qolachuuf hojjechuun dirqama lammilee hundaa ta'uus himaniiru.

Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duulun waraanicha hogganuuf murteessuun isaanii jijjirama guddaa fidas jedhaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa kanarratti hirmaachuun biyya badiirra baraaruf aarsaa barbaachisa hundaa kanfaluuf qophii ta'uu isaanii kan himan immoo dubbi himaa Paartii warraaqsa Uummatoota Itoophiyaa 'Maggaabe biluuy' Abiraahamidha.

''Paartiin isaaniis Itoophiyaa baraaruf ejjennoo cimaa akka qaba'' jedhaniiru.

Itoophiyaanonni hundi waamicha Ministira muummee isaa hordofuun waraanichi injifannoo Itoophiyaan akka xumuramuu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Pireezidaantin itti aanaa Paartii Innaat dooktar Saayifesilaasee Ayyaaleewu gama isaaniin paartiin isaanii hojii birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf taasifamu kamiyyuu amma dhumaatti deeggaruu cimsee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Murtoon ministirri muummee murteessanis injifannoo Aduwaa irra deebiin akka hojjennuuf carraa kan uumudha jedhanii akka yaadanis himaniiru.

- Naannoo keessan eega!

- Gara adda waraanaatti duulaa!

- Raayyaa Ittisa Biyya deeggara!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015