Miseensota diyaasroraa kuma 6 fi 269 ta’anirraa doolaara miiliyoona 1.1 ol sassaabame

56

Sadaasa 14/2014(TOI) - Mseensota diyaasforaa kuma 6 fi 269 ta’anirraa lammiilee garee shrorkeessaa ABUT ‘n buqqa’aniif hanga ammaatti karaa onlaayiniin doolaara miiliyoona 1.1 ol sassaabamuu isaa Ejensiin Diyaasporaa Itiyoophiyaa beeksise.

Deeggarsi kun karaa 'eyezonethiopia.com' ta’uun isaa ibsameera.

Ejensiin Diyaasporaa Itiyoophiyaa ‘’teeknooloojii fayinaanshaalii chapa’’ waliin ta’uun torban lama dura akkuma beeksise baankiin daldala Itiyoophiyaa sarara kaffaltii idil addunyaa isaa waan mijeesseef doolaarri miiliyoona 1.1 ol sassaabamuun danda’ameera.

Ejensichi Diyaasroraa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanotaa fi dhalattootaa Itiyoophiyaa deeggarsicharratti hirmaatan galateeffataniiru.

Ejensichi Diyaasforaan deeggarsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu isaa odeeffannoon dhaabbaticharraa argame ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015