Gaangeen dhalte

348

Dabra Birhaan Bitootessa 24/2011 Dur dur Gaangeen kan dhalattu abbaan Farda, haati ammoo Harree irraa ta'uutu beekama, naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa XaarmaaBarritti ammoo Gaangeen dhaluu isheetu dhaga'ame.

Gaangeen fakkaattii ishee dhaluutu dhaga'ame. Namni mana barumsaa seenes ta'e naannoo isaa keessatti kan dhaga'uu fi kan beeku Gaangeen akka hin dhaledha, Gaangeen yeroo dhaltee dhaga'u namni hunduu ajaa’ib! jechuun isaa hin oolu. Gaafii akkamitti?  jedhus kan kaasu dha.

Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Xaarmaabarritti waanti dhaga'ame ammoo jiraattota naannoo sanaa aja'ibsiisuun isaa dhaga'ameera.

Waajjirri Kominikeeshinii aanichaa akka beeksisetti aanaa xiqqoo Mazazoo ganda Koosoobarri keessaatti Bitootessa 21 bara 2011 halkaan gaangeen fakkaattii ishee dhaluu himaniiru.

Waajjira koominikeeshinii aanichaatti bakka bu'aan hoogganaa obbo Tsaggaayee Alamaayyoo tajaajila oduu Itiyoophiyaaf yadda kennaniin naannichatti gaangeen hedduun jiraatanis haalli kun kan barame miti.

Abbaan qabeenyaa Gaangittii obbo Mulaat Haayila Mikaa’el Gaangee kana bara 2009 bituu isaanii himaniiru.

"Garaan ishee yeroodhaa yerootti guddachaa dhufuu isaa argeen ture, garuu gaangittiin Rimaadha jedhee yaddee hin beeku " jedhaniiru.

Ilmoon Gaangittiis yeroo ammaa fayyummaa gaariirra jiraachuu ishee obbo mulaat dubbataniiru. Ilmoonis haadha ishee hodhaa jirachuus eeraniiru.

Aanaa Xaarmaabarritti ogeessi waajjira beelladootaa obbo Zalaalam Damisee gama isaaniitiin Harree fi Fardi gaangee yeroo dhalan malee Gaangeen yeroo dhaltu argees dhagayees hin beeku, kun waan haaraa dha jedhaniiru.

Saayinsiinis Gaangeen akka hin dhalle barreefamee kan jiru ta'uu himanii, yeroo tokko tokko garuu Gaangee miiliyoona tokko keessaa tokko dhaluu ni dandeessi jedhaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015